Mul’ata
Islaamummaa madaalawaa tahe uummataan gahuu Keessatti Miidiyaa hawaasa biratti yaadaa fi qulqullinaan fudhatama guddaa qabu ta’uu.

Kaayyoo
•Duudhaa Islaamaa eeguun ergama isaa karaa aartiidhaan hawaasa biraan gahuu.
•Dhugaa fi ergama Islaamummaa hawaasa amantii biraa hordofan biraan gahuu.
•Hojiilee hawaasaaf faayidaa guddaa qaban irratti adda durummaan hirmaachuu.
•Seenaa,dhugaa fi eenyummaa ummata oromoo amantii Islaamummaa waliin qabatu ifa baasuu.

Duudhaa
•Hunda galeessummaa
•Adeemsa madaalawaa
•Itti gaafatamummaa
•Khalaqa


Milan Media

As Geenye! 🎊🎉💥🏆

Facebook - Maatiiwwan 100,000
TikTok - Maatiiwwan 100,000
YouTube - 25,000

🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉

Imalli hawaasa kabajamaa tajaajiluu , hojii qulqullina qabu hawaasa guddaaf dhiyeessuun itti fufa.

Duudhaa fi aadaa hawaasa keenyaa eeguun sagantaa garagaraa qopheessuuf carraaqaa jiru miidiyaan keenyaa fi keessan Miidiyaa Miilaan amanamummaa fi deeggarsa keessan argachuun karaalee miidiyaalee hawaasummaa keenyaan hordoftoota hedduu horannee jirra. Kun miidiyaa keenyaaf itti gaafatamummaadha! Amaanaadha! Amaanaa kana bahachuufis humna jiru hundaan ni sochoona.

Deeggarsii fi maamilummaan keessan akka nu jalaa hin hanqanne! Yaadaa fi gorsa keessaniinis nu jabeessa !!

Guddaa Galatoomaa!

Miidiyaa qulqullina qabu hawaasa kabajamaaf!

Miidiyaa Miilaan

#milanmedia

1 week ago | [YT] | 84

Milan Media

‘Galata Jaalalaa’
Ustaaz Ibsaa Hasan

Ergaa gabaabduu fi mi’ooftuu jaalala Rasuulaa irratti xiyyeeffatu ustaaz Ibsaa Hasanin waltajjii Gurabaa irratti nuuf dhiyaate har’a galgala sa’aa 02:30 irratti karaa toora youtube Milan Media dhaan irra deebiin isin biraan geenya.

#milanmedia

1 week ago | [YT] | 218

Milan Media

Yeroo hojjennu nu jajjabeessaa,yeroo dogongorru nu sirreeffataa Imala dheeraa nuwaliin gootaniif galatoomaa. Imalli keenya itti fufa.

2 months ago | [YT] | 111

Milan Media

Keessummaa Simboo Torban kanaa
Dr Abdusemed Husen

Boru Sa'aa Booda sa'aa 08:00 irraa eegalee...

#simboo
#milanmedia

2 months ago | [YT] | 120

Milan Media

Yaa Mootii!

Munshid Diidaat Amaan waltajjii Simboo irratti nashiidaa isaa miidhagaa fi qalbii qabbaneessitu 'Yaa Mootii' jedhu dhiyeessee jira.
Guyyaa Jumu'aa waaree booda sa'aa 08:30 irratti nu eegaa!

#milanmedia

2 months ago | [YT] | 159

Milan Media

Har’a Galgala sa’aa 01:30 irratti Youtube Milan Media nu eeggadha !
#milanmedia #neshida

3 months ago | [YT] | 114

Milan Media

Simboo

Jijjiiramni dargaggeessatti haajomti. Jijjiiramnis umrii dargaggummaatti. Jijjiiramnii biyyaas ta'e hawaasaa mataa ofii irraa eegaluun kan dhufudha. Dargaggeessi jijjiirama irratti xiyyeeffatu akkamiin ijaarama ?

Simboo keenya torban kanaa har'a waaree booda sa'aa 08:00 irraa eegalee toora Tiivii Minbarii fi youtube Miidiyaa Miilaaniin nu eegaa!

Fulbaana 17-2018 | Rabii'a II 05-1447

#simboo
#milanmedia
#minbertv

3 months ago | [YT] | 95

Milan Media

Dr Amaan Guddataa Preezidaantii mana maree Magaalaa Shaggar
ta’uun guyyaa har'aa muudamanii jiru.

Baga Gammaddan !!!

3 months ago | [YT] | 46

Milan Media

Manni marii dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Shaggar guyyaa har'aa jechuunis Fulbaana 01/2018 sagantaa walharkaa fuudhiinsaa fi galateeffannaa hoteela graand Eliyaanaatti gaggeessuu irratti argama!


#milanmedia

3 months ago | [YT] | 20

Milan Media

Manni marii dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Shaggar guyyaa har'aa jechuunis Fulbaana 01/2018 sagantaa walharkaa fuudhiinsaa fi galateeffannaa hoteela graand Eliyaanaatti gaggeessuu irratti argama!


#milanmedia

3 months ago | [YT] | 31