Welcome to the official YouTube Channel of Kuush Records

Kuush Records specialises in producing music videos & hosting your Music Videos on our Channel.
We also produce, record & promote Quality Music videos and other types of video contents.

We aspire to be a place where Afaan Oromoo and All African content creators feel at home.

Subscribe and join our community of creative individuals for your dose of high quality music video clips
**********
Baga kara chaanala keessan Kuush Records 'tti nagayaan dhuftan!!
Chaanaliin kun vidiyoo muuziqaawwan Afaan Oromoo Sadarkaa isaanii eeggatan Isin Biraan gaya.

Aartii fi Artiistoota Keenya sadarkaa Adduunyaan Irra Jirtuuf Bakkaan Gahuuf Hoojjana. Vidiyoo Muuziqaa Sadarkaa Ol Anaa Hojjachuun Guddina Aartii Keenyaaf Gahee Keenya Adda Durummaan Ni Baana.

Kuush Records #subsribe Gochuun Guddina Aartii Keenyaaf Gahee Kessan Nu Gumaachaa.Galatoomaa Horaa Bulaa




Kuush Records

Silaahoo-Tegenu Legese-Coming soon

1 month ago | [YT] | 13

Kuush Records

1 month ago | [YT] | 35

Kuush Records

Get ready, Bahrain! J.J is performing live on December 12 & 14 See You there!

1 month ago | [YT] | 100

Kuush Records

New Music Video
Dirmammuu | Seenaa Bulaa | New Ethiopian Oromo Music 2025 (official Video)

4 months ago | [YT] | 5

Kuush Records

#New music video
#comingsoon
#Dirmammuu
Seenaa Bulaa
#kuushrecords

4 months ago | [YT] | 114

Kuush Records

Galatoomaa 🙏 100,000 + Views
https://youtu.be/H-c6MnFwAkI?si=4U-yg...

Wallee Weellisaa Doonii Ankoo haarawa kan "Qabballee" jedhu :

Walleen "Qabballee" jedhu kuni miira calaqqisiisu qaba. Bu'aa bahiin yaadasaa sammuu hidhachiifti. Daangaa yaadaafi yaaddoo nu shallagsiise. Wallee mararteefi dhuka qabu akkanaa kanaaf garaan hin boora'in, yaadni lixee hin bahin waan jiru hin se'u.

Biyya ol adeemaa baay'een keessatti kichuu cite kana taanee kan yaadnu xinnaa miti. Dhugaan xinnaa guddaa mara keenya marara. Walleen "Qabballee" jedhu kuni, gara nyaata Lattuu hasaasa. Lattuu mararsiifatee nus marare. Garuu Lattuun eenyu ? Namiyyuu akka galeefitti hiikkata!

"Mukat midhaan addaata
Warqee koo baala qabballee
Kan kee garaa na nyaata
Si yaaduun dhiifne har'allee

Warqee koo baala qabballee
Si yaaduun dhiifne har'allee
Lattuu koo baala qaballee
Dhugaa keen eela har'allee"

Gaaddisni qabballee fa'aa, gaaddisni Lattuu fa'aa jalli qabbana. Lattuun, qabballeen, ... Odaa jala bulan fakkaata. Mootii mukaa kan tahe Birbirsa fa'a qabbanaan qabatee yoo weellisu hamma daangaatti.

Mukni Oromoo biratti hooda tahe shantu jira. San keessaa Odaa fi Birbirsa wallee kana keessatti yoon argu, dhugumatti qabballeen moggaasa sirrii tahee natti mul'ate.

Garuu wanti nama mararu dibaabeen qottoon muramuu isaati. Qottoollicha Odaafi mukkeen hoodaa muru fuuldura dhaabbachuun dirqama. Yoo akkas mararsiifaman warri akka Lattuu fa'aa ogeeyyii dirraafi dirree ulfoo tiksan fakkaatu.

"Dibaabee koo jalli qabbana
Odaa Oromoo jala dhaabbate
Wal gahee qottoollichuma faanaa
Qottoon muree si galaafate

Dibaabee koo jalli qabbana
Birbirsa Oromiyaa keessa dhaabbate
Wal gahee qottoollichuma faanaa
Qottoon muree si galaafate"

Amala wallee jabaa keessaa tokko dubbii dachaa ( Sookoo fi soorgoo ) cimaa irraa ijaaramuu isaati. Dachaan walaloo armaan gadii "Booyyeedha" wallee kana keessatti akkaataa galuumsaan Booyyee tana eenyu akka taate dhaggeeffataan ni barbaada.

Booyyee foonshee ajaawu, Booyyee uumamnishee kolfa taate, Booyyee garaasheef jettee duutu yoo yaadannu, walleen kuni eenyu akka ibsu tilmaamuun nama hin dhibu.

Warri har'umeen garaa irra hin dabarre, egeree dhalootaaf hin haajamtu. Dhaloota akkasii kanatu gaaddisa sabaa mura. Dhaloota akka Booyyee kanatu muka hoodaa muree qe'ee onse. Walleen kuni dhaamsa hammas gahu suuta dabarse. Abbaan walaloo kanaa dhugumatti Oromoodha!

"Ilaali booyyee
Alanfatee nyaachaa jiraa
Dhabnaan hin booye
Gaaddisa guddaa karra fuulduraa  ... ×2

Baala nyaata baalli gaala
Fardaaf haamani garbuudha
Halkanii guyyaan si yaada
Kan hammaate si arguudha

Ooyruu gamaa Sokorruu facaasani
Ooyruu gamaa doobbii facaasani
Nu walii dammaa
Maaf addaan nu baasani ..... ×2"

2nd verse
.....!

Odaarraa, birbirsaafi mukkeen qabballee qabbana qaban irraa damee muranillee hiddi goguu akka dide weellisaan kuni yeedaleesse. Inumaa yoo jiidhee latu, akkuma namaa waan xiiqeffate akka fakkaatu walleen weellisaa kanaa waan akeeku qaba.

"Jigus jirmi hiddi ni jira
Qacceen sanyii yoomumaan badu
Dachaa dachaan itti biqila
Waan xiiqa'e fakkaata, ennaa latu

Lafa goodaa, lafa gaaraa
Loontu kormi marsee keessa dheeda
Nuti sobnee wal ijaarra
Duunus lafeen lafa eega!"

Walumaagalatti, walleen kuni wallee eenyummaati. Wallee sabboontotaati. Wallee dhugaa Oromoo sookoon dabaalee dubbate kana nama weellise Doonii Ankoo tiin baay'ee galatoomi jechuun barbaada.

Yoo sirban akkatti ukkaamsudha!
By-Shagar Bahaa🙏

6 months ago | [YT] | 153