Yooyyaa! Baga nagaan gara chaanaalii YouTube BBC Afaan Oromootti dhuftan.
Kun imala addaa nuti isin waliin eegalledha. Chaanaalii kanaan waan Itoophiyaa, Afrikaafi addunyaa keessatti taβan ijoo; jireenya keessan keessatti dhiibbaa qaban, jireenya keessan fooyyessan, akkasumas beekumsa keessan guddisuu danda'an; bifa viidiyoon, af-gaaffii, dokumantarii gaggabaaboo ta'an; haaluma ulaagaa BBC'tti amanamummaa, iftoominaafi loogii malee isiniif dhiyeessina. Maaloo koottaa seenaa jireenya keessan nuuf qoodaa. Yaada keessaniis nuuf barreessaa. Akkasumas karaa marsariitii BBC News Afaan Oromoo, Facebook fi WhatsApp keenyaatiin geessituu armaan gadii cuqaasuun ammoo caalaatti nu argachuu dandeessu.
BBC News Afaan Oromoo
π Hibboo!
''Osoo boossuu kofalti, osoo haatuu mar'atti.''
Maali deebiin isaa? Mee tilmaamaa.
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa #hibboo
3 hours ago | [YT] | 17
View 0 replies
BBC News Afaan Oromoo
Ashamaa! Hibboon eegalla.
''Re'oonni adiin midhaan fixan.'' π
Deebiin maali? Jalatti nuuf barreessaa. Nagaan oolaa!
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa #hibboo
2 days ago | [YT] | 136
View 6 replies
BBC News Afaan Oromoo
Yooyyaa! Hibboon eegalla.
Hibboon har'aa ''Irraan dibaa, jalaan dibaa, gidduun dibaadiba'' jedha.
Deebiin maali? Mee walirraa haa barannu.
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #hibboo
5 days ago | [YT] | 150
View 2 replies
BBC News Afaan Oromoo
π Hibboo!
''Mana abbaa Waarituu simbirri hin qaaritu.''
Deebiin isaa maali? Lafa nagaa oolaa!
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa
1 week ago | [YT] | 188
View 8 replies
BBC News Afaan Oromoo
π Hibboo!
''Boollatti galti yaa shurrubbaashee.'' Deebiin isaa maali?
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa
1 week ago | [YT] | 157
View 9 replies
BBC News Afaan Oromoo
Hibboo! π
''Du'a boo'icha hin qabne.'' Deebiin isaa maali?
Jalatti nuuf barreessaa. Lafa nagaa oolaa!
1 week ago | [YT] | 250
View 11 replies
BBC News Afaan Oromoo
Hibboo! Hibbakaa jedhaa.
''Dhaqa duwwaadha gala rimaadha.'' Maali deebin?
Jalatti nuuf barreessaa. Walirraa haa barannu.
#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #history #bbcnews
2 weeks ago | [YT] | 240
View 7 replies
BBC News Afaan Oromoo
π Hibboo!
''Tumaalessa qalee dhiiga dhabe.'' Maali deebin?
2 weeks ago | [YT] | 159
View 8 replies
BBC News Afaan Oromoo
Waamicha keessaniin karaa Instagram dhufneerra. Nu simadhaa. β€οΈ
β¬οΈ
bbc.in/4zt0QKN
2 weeks ago | [YT] | 155
View 4 replies
BBC News Afaan Oromoo
π Yooyyaa! Hibboo!
''Afur taatee boolla tokkootti fincoofti.''
#hibbo #ethiopia #oromo
3 weeks ago | [YT] | 244
View 12 replies
Load more