BBC News Afaan Oromoo 

Yooyyaa! Baga nagaan gara chaanaalii YouTube BBC Afaan Oromootti dhuftan.

Kun imala addaa nuti isin waliin eegalledha. Chaanaalii kanaan waan Itoophiyaa, Afrikaafi addunyaa keessatti ta’an ijoo; jireenya keessan keessatti dhiibbaa qaban, jireenya keessan fooyyessan, akkasumas beekumsa keessan guddisuu danda'an; bifa viidiyoon, af-gaaffii, dokumantarii gaggabaaboo ta'an; haaluma ulaagaa BBC'tti amanamummaa, iftoominaafi loogii malee isiniif dhiyeessina. Maaloo koottaa seenaa jireenya keessan nuuf qoodaa. Yaada keessaniis nuuf barreessaa. Akkasumas karaa marsariitii BBC News Afaan Oromoo, Facebook fi WhatsApp keenyaatiin geessituu armaan gadii cuqaasuun ammoo caalaatti nu argachuu dandeessu.


BBC News Afaan Oromoo

Ashamaa! Akkam bultan?

Odeessaalee keenya har'aa mammaaksa kanaan eegalle.

Nu faana bu'aa!

2 days ago |[YT] | 134

BBC News Afaan Oromoo

Qorannoon Ilhaan Omaar irratti gaggeeffamu anaan "hin ilaallatu" jedha Tiraamp.

1 week ago |[YT] | 159

BBC News Afaan Oromoo

AI akkamiin dhala namaa balleessuu danda'a?

Oduu dabalataaf: www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cwm2q3yvn1vjo

1 week ago |[YT] | 69

BBC News Afaan Oromoo

Akkam bultan hordoftoota keenya?
Har'aaf mammaaksa kana filanne.
Hiiki ykn ergaan isaa maali?
Yaada keessan nuuf barreessaa!
Bakka nagaa oolaa!

1 week ago |[YT] | 62

BBC News Afaan Oromoo

Duudhaalee Sirna Gadaa keessaa tokko ta'e Irreechi, uummanni Oromoo Waaqa kadhachuufi galatasaa galchuuf jecha tulluu fi malkaatti ba'uun kan irreeffatuudha.

Irreecha ilaalchisee qabxiiwwan ijoo beekuu qabdan shan!

2 weeks ago |[YT] | 264

BBC News Afaan Oromoo

Baga nagaan Irreechaa bara kanaa geessan!

2 weeks ago (edited) |[YT] | 357

BBC News Afaan Oromoo

Hibboo!

''Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu.''

Maali deebiin? Mee yaalaa.

#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa #hibboo

1 month ago |[YT] | 247

BBC News Afaan Oromoo

πŸ‘‹ Hibboo!

''Haati lafa dhiitti, ilmoon haadha dhiitti.'' Maali deebiin?

Hirmaadhaa, walirraa haa barannu.

#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa #hibboo

1 month ago |[YT] | 218

BBC News Afaan Oromoo

πŸ‘‹ Hibboo!

''Gabaa hin dhaqxu dhadhaa hin dhabdu.''

Maali wanti kuni? Deebii jalatti nuuf barreessaa. Nagaan oolaa!

#bbcnewsafaanoromoo #ethiopia #oromo #aadaa #hibboo

1 month ago |[YT] | 173

BBC News Afaan Oromoo

BAGA GEESSAN!

Baga Bara Haaraa Itoophiyaa 2🌼19 nagaan geessan!

Barri kan nagaafi gammachuu isiniif haa ta'u!

#ethiopia #oromia #oromo #flower

1 month ago |[YT] | 222