Darunaim Multimedia

Chaanaalii kana irratti barsiisa Islaamummaa dhugaa, seenaawwan dhugaa, fatwaawwan sirrii fi odeeffannoo fi oduuwwan madda amanamaa irraa maddan dhiyeessina.
๐Ÿ•‹ Islaamummaa | ๐Ÿ“– Seenaa | ๐Ÿ“œ Fatwaawwan | ๐Ÿ—ž๏ธ Oduu fi Odeeffannoowwan
Torbanitti yoo xiqqaate viidiyoowwan 3 ni dhiyeessina.
Chaanaalii keenya Subscribe godhaa, Like fi Share gochuun imala dhugaa fi barnootaa keenya deeggaraa.

On this channel, we present authentic Islamic teachings, true historical narratives, trusted fatwas, and reliable news and information.
Our goal is to enrich the understanding of our community by spreading truth, knowledge, and spiritual awareness.
๐Ÿ•‹ Islam | ๐Ÿ“– History | ๐Ÿ“œ Fatwas | ๐Ÿ—ž๏ธ News & Insights
We upload at least 3 videos every week,
Donโ€™t forget to subscribe, like, and share to support this journey of truth and learning!






Darunaim Multimedia

Yaada fi Gaafilee Channel keenya irratti qabdan hunda Comment irratti naaf barreessaa. hunda isaaniitiif deebii nan kenna insha'allah.

1 week ago | [YT] | 17

Darunaim Multimedia

SEENAA Ajaa'ibaa kana dubbisaa...

๐—šอŸ๐—”อŸ๐—”อŸ๐—™อŸ๐—œอŸ๐—œอŸ อŸ&อŸ อŸ๐——อŸ๐—˜อŸ๐—˜อŸ๐—•อŸ๐—œอŸ๐—œอŸ อŸ๐—อŸ๐—ถอŸ๐—ปอŸ๐—ปอŸ๐—ถอŸ๐—ถอŸ อŸ๐— อŸ๐˜‚อŸ๐˜€อŸ๐—นอŸ๐—ถอŸ๐—บอŸ๐—ฎอŸ๐—ฎอŸ อŸ๐—ชอŸ๐—ฎอŸ๐—นอŸ๐—ถอŸ๐—ถอŸ๐—ปอŸ อŸ๐—šอŸ๐—ผอŸ๐—ฑอŸ๐—ตอŸ๐—ฎอŸ๐—บอŸ๐—ฒอŸ อŸโ€“อŸ อŸ๐—ฃอŸ๐—ฎอŸ๐—ฟอŸ๐˜อŸ อŸ๐Ÿญ

Ibn Khaanjuur akkaataa jireenyaa fi aadaa jinniiwwanii yeroo ibsu, jinniwwan waggoota kumaatamaaf akka jiraatanii fi iddoon jireenya isaanis dachee, garboota gurguddoo, manneen, fi bakkoota biroo keessa akka jiraatan dubbata. Dabalataanis Ibliis ilmaan (ijoollee) shan akka qabu fi maqaa isaanii fi hojii isaaniis ibsee jira.
Miidhaawwan karaa jinnootaatiin ilma namaa irra gahu ofirraa ittisuufis du'aa'iiwwan balaa jinnootaa irraa nama eegani fi icciitiiwwan biraas hedduu dubbate.

Hordoftoota keenya maxxansa kana keessatti gabaasa gaaffi fi deebii gaazeexeessaa Masrii Iisaa Daawud fi jinni Muslimaa Ibn Khaanjuur (Ibn Khanjur) jedhamu gidduutti waggoottan dura godhame fi yeroo sanatti ijoo dubbii miidiyaalee Aadunya tahee ture waliin ilaalla. Hojii keenya irratti nu jajjabeessuudhaaf maxxansa kana like gochuudhaan eegalaa.

Iisaa Daawud gaaffii salphaa tokkoon marii jalqabe. "Ati eenyu?" Jedhee jinni sana gaafate?
Jinniichis deebisee, "Maqaan koo Ibn Khaanjuur jedhama. Ani dhalataa Boombay, biyya Indiyaati."

Iisaan itti fufuun gaaffii gaafate, "Umriin kee meeqa?"
Yeroo iisaan gaafii kana gaafatu Jinniichi yeroo gabaabaaf dubbachuu didee calโ€™ise. akka waan sammuu isaa dubbisuuf yaaluutti, gad fageenyaan yaaduu jalqabe.
Iisaan gaaffii isaa ammas irra deebie gaafate. Kana booda Jinniichi akkana jedhe, "Akka na hin miine kakadhu." Jedhe. Iisaanis deebisee akkas jedhe, "Allahaa Isa waa hunda dandaโ€™aa ta'een kakadha, ani si hin miidhu." Jedheen.

Kana booda jinnichi haasaa eegale, "Ani ammallee ijoolleedha. Yoo umrii koo umrii ilma namaa waliin dorgomsiiste, ani akka dargaggeessa jiddu-galeessaa, waggaa 15 ykn 17 ti." Jedhe.
Iisaan deebii ifa ta'e barbaadee akkas jedhe. "Lakki, waan ani jechuu barbaade sana miti. Waggaa jinnitootaan dhuguma umriin kee meeqa?" Jedhe gaafate.
Jinnichi yeroo deebisu akkas jedhe "Ani akka safara waggaa jinnootaatiin amma waggaa 180 dhaa," jedhe. Addunyaa jinnootaa keessatti, kun akka umrii ijoolleetti (dargaggummaatti) lakkaawwama.

Iisaan gaafii isaa itti fufee gaafate, "Abbaan kee ammallee lubbuun jiraa?"
Jinniichis ni deebise, "Abbaankoo, qabsoo aangoo irratti gita isaa waliin godheen du'e. Maqaan abbaa koo Huudaa (Huda) jedhama. Inni waggaa 950 duโ€™e. Akaakayyuun koo ammoo yeroo haasaa samiirraa dhaggeeffachuuf yaalu du'e. Inni calaqqee ibiddaa samii irraa darbatamuun yeroo umriin isaa waggaa 1,000 dhihaatu ta'u du'e." Jedhe.
Itti dabaluunis Ibn Khaanjuur akkas jedhe, jinnitootaaf umrii baay'ee dheeraatu kennameefi. Baay'een keenya waggoota dhibbaaf jiraanna. Warri kaan ammoo waggoota kumaatamaaf jiraatu. Iisaan yeroo kana naasuun gaafate, "Waggoota kumaatamaa?" Jechuun bifa rifannaatiin gaafate.

Ibn Kaanjur akkas jedhe, "Eeyyee, nu keessaa gariin keenya waggaa 3,000, 4,000, 5,000, hamma 6,000 iyyuu ni jiru. Warri waggaa 7,000 ta'anis dabranii ni jiru, garuu baay'ee miti. Haata'u malee, sheexaanota keessaa, kanneen akka Ibliis kan bara durii jalqabee jiraachaa jiran ni jiru. Fakkeenyaaf, ijoolleen Ibliis shanan ammallee lubbuun jiru." Jedhe.

As irratti Seenaan Ibn Khaanjuur waa'ee akaakayyuu isaa dubbate dhugaa ta'uu danda'a. Sababni isaas Qur'aana, Suuraa Jinni keessatti, seenaa dubbatameen wal fakkaataa. Qurโ€™aanni jecha jinnoota yeroo dubbatu akkas jedha. "Nuti samii jala gahuu barbaannee turre, garuu samiin eegdota jajjaboo fi urjiiwwan darbatamaniin kan guutamtee arginee. Nuti dhaggeeffachuuf bakkoota rarra'oo ta'an irra teessuma qabna turre, garuu amma eenyullee dhaggeeffachuuf yaalu laboobaa ibiddaa isa eeggatu ni argata." Jedha. Keeyyanni (Aayanni) kun jinniiwwan iccitii samiirraa dhaggeeffachuuf yaalaa akka turan argisiisa.
โ‹†โ‹…โ˜†โ‹…โ‹† โ”€โ”€โ”€โ”€ ๐—ž๐˜‚๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—ป 2แถ แถ แตƒแตƒ ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐˜‚๐—ณ๐—ฎ... โ”€โ”€โ”€โ”€ โ‹†โ‹…โ˜†โ‹…โ‹†

1 week ago | [YT] | 17

Darunaim Multimedia

Gadi dhiifamee jira link kanaan seenaa ilaalaa ๐Ÿ‘‰ https://youtu.be/_lO9kQYJMLI

2 weeks ago | [YT] | 1

Darunaim Multimedia

Iisaan itti fufuun gaaffii gaafate:

โ€œUmriin kee meeqa?โ€

Yeroo Iisaan gaaffii kana gaafatu, Jinniichi yeroo gabaabaaf dubbachuu didee calโ€™ise. Akka waan sammuu isaa dubbisuuf yaaluutti, gad fageenyaan yaaduu jalqabe.

Iisaan gaaffii isaa ammas irra deebiee gaafate.

Kana booda Jinniichi akkana jedhe:

โ€œAkka na hin miine kakadhu.โ€

Iisaanis deebisee akkas jedhe:

โ€œAllahaa Isa waa hunda dandaโ€™aa taโ€™een kakadha, ani si hin miidhu.โ€ Jedheen.

Kana booda Jinnichi haasaa eegale...

โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†

โ•โ•โ• PART 2 โ•โ•โ•

Osoo Qurโ€™aanaa fi Hadiisni jinniiwwan hammaam akka jiraatan sirriitti hin dubbatin duras, seenaawwan biroo kan jinnoonni umrii dheeraa akka qaban argisiisan ni jiru.

Fakkeenyaaf, geggeessaan (Kaliifaan) Umar bin Abdul Aziiz jedhamu yeroo tokko bofa duโ€™e kan jinnii ture akka awwaale ni dubbatama.

Jinnichi sun Ergamaa Rabbii (S.A.W.) irraa...

โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†

โ•โ•โ• PART 3 โ•โ•โ•

Ibn Khaanjuur akka jedhetti, abbaan isaa yeroo inni mucaa xiqqaa ture, eebba Ibliis irraa argachuuf jedhee gara Ibliisitti isa geessee ture.

Ibn Khaanjuur yeroo Ibliisin argu...
โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†

โ•โ•โ• PART 4 โ•โ•โ•

Iisaan, jinnoonni umrii dheeraa waan jiraataniif beekuu dandaโ€™u jechuudhaan, gaaffii tokko itti fufuun akkas jedhee gaafate:

โ€œAfaan bara durii irraa eegalee hanga harโ€™aatti dubbatamuu fi umrii dheeraa qabu afaan kamiidha?โ€

Ibn Khaanjuur yeroo deebisu akka jedhetti, akaakayyuun isaa warra samiirraa haasaa dhaggeeffachuuf osoo yaaluu rukutame; odeeffannoo kana abbaa isaatiif akka qoodetti...
โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†

โ•โ•โ• PART 5 โ•โ•โ•

Yeroo Ibn Khaanjuur kana jedhu, Iisaan itti aansuun Ibn Khaanjuuriin gaafate:

โ€œJinniiwwan mana koo keessa jiraatan arguu ni dandeessaa?โ€

Jechuun gaafate.

Innis deebisee:

โ€œEeyyee, isaan arguu nan dandaโ€™a. Alhamdulillaah, Allahaaf galanni haa taโ€™u, hundi isaanii Muslimoota. Isaan keessaa...โ€
โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†โ‹†โ˜…โ‹†

Roobii boruu galgala Channel YouTube keenya irratti nu eegaa.

2 weeks ago | [YT] | 17

Darunaim Multimedia

๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฅ๐—ผ๐—ผ๐—ฏ๐—ถ๐—ถ ๐—ด๐—ฎ๐—น๐—ด๐—ฎ๐—น๐—ฎ (๐—”๐˜‚๐—ด๐˜‚๐˜€๐˜ ๐Ÿญ๐Ÿฎ) ๐—–๐—ต๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—น ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ...

2 weeks ago | [YT] | 12

Darunaim Multimedia

๐—–๐—ต๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—น ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฉ๐—ถ๐—ฑ๐—ฒ๐—ผ ๐—ฆ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฎ๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ด๐—ฎ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ ๐—ฎ๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜๐˜‚:

1. ICCIITII DIIGAMUU KHILAAFOTA ISLAAMAA | Seenaa Sodaachisaa Tattaarotaa | 2026
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/gLt2_0jbNFc]

2. Seenaa Osmaan Gaazii Gabaabaa | Osman Ghazi: Founder of the Ottoman Empire (Afaan Oromoo)
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/Uc__mkKgUOM]

3. MOOTII JINNOOTAA FI BINEENSOTAA | Seenaa Nabi Suleymaan Guutuu (Afaan Oromoo)
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/FSUWCGyBtMs]

4. SEENAA GAALA ALLAAHAA ๐Ÿช | "MU'UJIZAA GUDDAA" | The Untold Story of Prophet Salih (AS)
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/G39nXjTkpkg]

5. SEENAA JANNATAA | Seenaa Bareedaa fi Iccitii Jannataa | The Beautiful History
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/_w7GODMH9hc]

6. Ahbaashonni Eenyu? | Seenaa, Amantaa fi Icciitii Garee Ahbaash | Who are the Al-Ahbash?
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/pOynjmZkJgg]

7. JAHAANNAMIIN Wal Baraa | Seenaa Addaa fi Adaba Nama Naasisu | The 7 Levels of Jahannam
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/Rg8q5Fkynd8]

8. GUYYAA QIYAAMAA | Seenaa Sodaachisaa Iimaana Keessan Jabeessu | THE JUDGMENT DAY: Most Terrifying...
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/VyTPy0_2XMU]

9. TATTAAR EENYU? || Seenaa Dhufaatii Mongoolotaa fi Sababa Diigamuu Bulchiinsa Islaamaa
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/cucBjzWg_KU]

10. KUTAA 3 | Seenaa Barnoota Guddaa Qabu | Sababa Diigamuu Impaayera Islaamaa
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/RbeDU-L-Mjo]

11. SEENAA Impaayera Kophaa Isaa Walakkaa Aadunyaa Raase Jinkiiz khaan fi Diigamu Bulchiinsa islaamaa
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/HK-C6zCuWEU]

12. Qilleensi Hamaan Tokko Ka'aba Irraa Uffata Baase... Seenaa Ajaa'ibaa | History of the Tatars
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/GnOeH6-Yg50]

13. LOLA BADRII | Seenaa Ajiibni isaa hin Xumuramne || Battle of Badr 624 AD #afaanoromoo
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/UGsYrgFukNA]

14. Updated | Seenaa Bara Warqee Islaamaa Afaan Oromootin | History of Islamic Golden Age #seenaa
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/f4uQxHn-yIE]

15. SEENAA MOOTII DUBARTII | NAMAA FI JINNII IRRAA DHALATTE | QUEEN BILQIS: HALF-JINN OR HUMAN?
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/803OjxkG1Hg]

16. Seenaa Ajaa'ibaa | Jinnii fi Furmaata Miidhaa Isaanii || The World of Jinn in Islam
๐Ÿ‘‰ [https://youtu.be/Z8OELebivVM]

3 weeks ago (edited) | [YT] | 1

Darunaim Multimedia

KUTAA 3า“า“แด€แด€
๐—œ๐— ๐—ฃ๐—”๐—”๐—ฌ๐—˜๐—ฅ๐—” ๐— ๐—ข๐—ก๐—š๐—ข๐—ข๐—Ÿ - ๐——๐˜‚'๐—ฎ ๐—š๐—ฒ๐—ป๐—ด๐—ต๐—ถ๐˜€_๐—ž๐—ต๐—ฎ๐—ป ๐—•๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ

๐—ฉ๐—ถ๐—ฑ๐—ฒ๐—ผ ๐—ถ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜‚๐˜‚๐—ณ YouTube ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ...

Kana irraa kan ka'e:
Namni Tattaarota irraa dhufe tokko ganda tokko seenee namoota hiriirsee dabaree dabareen isaan qala. Isaan keessaa namni tokko illee of ittisuuf hin yaalu ture.
Namni tokko akkas jechuun hima: "Yeroo tokko namoota kudha torba (17) taanee osoo jirru Taattaarichi tokko dhufe. Sana booda tokkoon keenya isa kaan ofii keenyaa haadaan (geemadaan) akka wal hiinu nu ajaje. Hiriyoonni koo waan inni jedhe raawwachuu jalqaban. 'Inni namuma tokko, maaliif hin ajjeesnu?' yoon ani isaanin jedhu. 'Ni sodaanna' naan jedhan. Sana booda ani bilaawaa (albee) fidee isa ajjeeseen haala sanaan miliquu dandeenye!" Jedha.

Kuni gidiraa hedduu keessaa muraasa qofa!. Shormaajaan (hogganaan waraanaa) bakka to'ate hundatti miila isaa gadi dhaabbate. Namni tokkos osoo isa hin mormin bara 629-634 Hijiraatti waggoota shanan keessatti weerara dhaabee aangoo isaa cimse.

Muslimoonni Masrii, Shaam (Soriyaa), Hijaaz fi kutaalee biraa jiran "Anas yoo na hin tuqin maaltu na dhibe?" jechuun gurra ofii cufatanii rafan.

Bara 634-649 Hijiraatti, yeroo gabaabaa keessatti biyyoonni Taattaarota irraa bilisa baโ€™anii turan kan akka: Armeeniyaa, Joorjiyaa (lamaanuu Kiristaana), Chichiniyaa fi Daagiistaan deebisanii tattaarotaan toโ€™atan. Waggaadhuma kana keessa waraanni Taattaarotaa Turkootattis duula jalqabe. Tattaaronni Bara 635 Hijiraatti weerara balโ€™aa Raashiyaa irratti jalqaban. Waggaa 2 qofa keessatti magaalaawwan akka Ridaan, Kolomonaa fi magaalaa jabduu Vilaadmiir, Sozaal, akkasumas magaalaan guddoon Raashiyaa Moskoon Taattaarotaan diigaman. Dabalataanis tattaaronni magaalaawwan Raashiyaa gurguddoo jaha tooโ€™achuun, haala Kanaanis Raashiyaan guutuun waggaa lama keessatti harka Taattaarota galte. Bara 638 Hijiraatti waraanni Taattaarotaa bulchiinsa Yukireenitti duulee qabeenya ishee saamee, uummata ishees weeraree ajjeese. Bara 639 Hijiraatti ammoo bulchiinsa Poolaand weeraran. Ammas yeroma sanatti Waraana Hangaarii (Hungary) dhabamsiisuun Hangaarii, Siloovaakiyaa fi Kirooshiyaas harkatti fudhatan.

Haala Kanaan tattaaronni walakkaa Awurooppaa toโ€™atan. Isaan keessaa bulchiinsonni baayโ€™een kaafira haa taโ€™an malee, magaalaawwan Muslimaa muraasnis ni jiru ture.

Bara 639 Hijiraatti ammoo waan haaratu uumame. Duโ€™a jinkiiz khaanin booda mootii Taattaarotaa kan tahe Okitaay (Ogedei) ni duโ€™e. Duโ€™a Okitaay hordofee, Raashiyaa weeraraa kan ture Shormaajaani fi weeraraan Awurooppaa Baatuu Khaan filannoo mootii haaraatiif bakka buโ€™oota isaanii erganii gara magaalaa teessoo Taattaarota kan taate (Mongooliyaatti) deebiโ€™an.

Waggaa kana keessa tattaaronni guutummaa Eeshiyaa (Saawudii fi Shaam irraa kan hafe) fi walakkaa Awurooppaa toโ€™atanii jiru.

Amma mootiin haaraan tattaarotaa muudamuufi.
Duโ€™a Okitaay booda ilmi isaa Kiyook Okitaay bakka isaa bu'ee aangoo dhaale. Tartiibni hoggansaas: Jinkiiz Khaan itti aansee > Okitaay, sana booda > Kiyook ta'e. Bara Kiyook keessa weerarri tattaarotaa yeroof ni dhaabbate.

Haa ta'u malee:
Yeroo kanatti Taattaaronni weerara isaaniitiin addunyaa Muslimaa liqimsanii jiru. Biyyoonni Muslimaa Eeshiyaa keessatti argaman hundi sivilizaashinii (qaroomina) isaanii waliin dhabamsiifamaniiru. Addunyaan Muslimaa inni walakkaa (Middle East) weerara Taattaarotaa akka waan fiilmii ilaaluutti callisee ilaaluu malee, waan furmaata ta'e tokkos hin goone. Haalli bulchiinsota Islaamaa biroos kana irraa adda hin turre.

Kiristaanonni Awurooppaas kan yeroo muraasaf ulee Tattaarotaatiin Muslimoota rukutaa turan, Uleen tattaarotaa osoo hangamuu hin turin gara isaaniittis naannofte. Waldaaleen Kiristaanaa (bet-kiristaanni) isaanii ni diigaman; uummata isaanii miliyoonaan lakkaaโ€™amutu ajjeefame; manneen isaaniis ni gubatan. Garuu, gidiraa kana hunda dhandhamataa osoo jiraniis, Muslimoota dhabamsiisuuf Taattaarota waliin tumsuu (walii galuu) hin dhiisne...ITTI FUFA

๐“‘๐“ช๐“ป๐“ป๐“ฎ๐“ฎ๐“ผ๐“ผ๐“ช๐“ช๐“ท: ๐‘ฐ๐’ƒ๐’ ๐‘จ๐’‰๐’Ž๐’†๐’…
๐”ป๐”ธโ„๐•Œโ„•๐”ธ๐•€๐•„ ๐•„๐•Œ๐•ƒ๐•‹๐•€๐•„๐”ผ๐”ป๐•€๐”ธ
#History #Tattar #AfaanOromo #Seenaa #Part3

1 month ago | [YT] | 8

Darunaim Multimedia

Sahaabota Nabiyyii (S.A.W) Keessaa Kan Hayyuu Seenaa Fi Nama Hundee Gosoota Arabaa Lakkaa'uu Danda'a Jedhamu Eenyu?

1 month ago | [YT] | 9

Darunaim Multimedia

KUTAA 2า“า“แด€แด€
๐—œ๐— ๐—ฃ๐—”๐—”๐—ฌ๐—˜๐—ฅ๐—” ๐— ๐—ข๐—ก๐—š๐—ข๐—ข๐—Ÿ - ๐——๐˜‚'๐—ฎ ๐—š๐—ฒ๐—ป๐—ด๐—ต๐—ถ๐˜€_๐—ž๐—ต๐—ฎ๐—ป ๐—•๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ


๐—ฉ๐—ถ๐—ฑ๐—ฒ๐—ผ ๐—ถ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜‚๐˜‚๐—ณ YouTube ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ...


"Marsaa Lammaffaa Weerara Taattaarotaa"
Erga Jinkiiz Khaan du'ee booda hoggansa Taattaarotaa Okitaay (Ogedei) tu fudhate. Okitaay waggoota darban keessatti Mongooliyaa keessatti aangoo isaa cimsee tasgabbeesse. Mormii keessoo isaanii jiru balleessuun boqonnaa weerara haaraatiif haala mijeessaa ture.


Taattaaronni addunyaa Muslimaa weeraruun dura, bulchiinsa Raashiyaa isa kanaan dura irratti mo'amanii turan deebisanii harkatti galfachuun, achirraan ammoo gara Awurooppaatti seenuu filatan. Itti gaafatamummaa kana akka ba'uuf Shormaajaan ni filatame. Shormaajaan waraana garmalee guddaa hordofsiisee weerara jalqabe. Addunyaan Muslimaa gama isheetiin qoccolloo fi waldhabdee hammaataa keessa turte. Amiironni biyyoota akka daabbootti cicciranii gargar hiraataniiru. Waaโ€™ee aangoo isaanii malee ija isaanii fageessanii ilaaluu hin dandeenye. Hunduu waa'ee bulchiinsa isaa qofa yaadda'a. Tarii biyyi inni bulchu garuu magaalaa tokkoo fi ganda naannoo ishee jiru qofa ta'uu danda'a. Sababaalee xixiqqoo Uumuudhaan seeyfii walitti luqqifachuun alatti, Ollaan isaa yommuu weeraramu "itti aansee dabareen kan kooti" jedhanii fageessanii yaaduullee hin dandeenye.


Bara 628 Hijiraatti Jalaaluddiin Amiira Jaziiraa kan tahe Ashiraaf Aadil waliin lola yeroo dheeraa irra turee waan mo'ameef humni isaa hedduu dadhabee ture. Kana hordofuun diinonni isaa garee shiiโ€™aa kan tahan "Ismaa'iliyyaawwan" haaloo isa ba'uuf jecha dadhabina Jalaaluddiin Taattaarotatti himan. Taattaaronni ergaan kun yommuu isaan ga'u yeroo osoo hin qisaasessin gara Jalaaluddiin qajeeelan. Imala isaanii keessatti magaalaa argatan hunda saamaa, ajjeesaa fi booji'aa dabru turan. Xumura irrattis bulchiinsa Jalaaluddiin qaqqabuun waraana hammaataa irratti Banan. Jalaaluddiin Taattaarota waliin lolee kufaatiin guddaan erga isa mudatee booda, akkuma abbaa isaa baqachuu jalqabe. Magaalaa irraa gara magaalatti, ganda irraa gara gandatti baqachuu itti fufe. Magaalaawwan inni yeroo baqatu keessa darbu hunda Taattaaronni harkatti fudhachaa isa hordofuu jalqaban. Dhumarratti kaaba Iiraaq "Al-Jaziiraa" yommuu ga'u, waraanni isaa hunduu jalaa faffaca'anii kophaa isaa hafe.


Xumura irrattis Isas akkuma abbaa isaa osoo baqachuu irra jiru duuti hin oolle itti dhufte. Haalli du'a isaa garuu ajaaโ€™iba ture.

Jalaaluddiin kophaa isaa faaya isaa waliin osoo jiruu qonnaan bulaan tokko isa argee eenyummaa isaa gaafate. Jalaaluddiin kabaja argachuu waan barbaadeef, koorummaan "Ani mootii Khawaarizimiiti" jechuun qonnaan bulaa sanatti hime. Qonnaan bulichis gara mana isaatti galchee nyaata dhiyeessuun bareechee isa keessumeesse. Jalaaluddiin imala dheeraa baqachaa waan tureef dadhabbiirraa boqochuuf manuma qonnaan bulichaa akkuma rafeen, qonnaan bulichi kanaan dura gocha Jalaaluddiiniin onneen isaa madaaโ€™ee waan tureef osoo inni rafaa jiru isa ajjeese. Subhaanallah,


xumurri mootota abbaa irree tahanii hunduu hedduu nama ajaaโ€™iba. Yeroo tokko Mootii guddaa hogganaa loltoota hedduu ture.


Muslimoonni yeroo hunda Taattaarotaan mooโ€™amuu irraa kan kaโ€™e, kuffitii hafuuraa fi moralii keessa seenan. Taattaarota injifachuun waan hin danda'amne itti fakkaachuu jalqabe. Taattaaronni Muslimoota mo'achuu yoo barbaadan weeraruu qofa ture kan isaanirraa eegamu. Muslimoonni of ittisuu (self-defense) wanti jedhu onnee isaanii keessaa badee jira. Kun ammoo Taattaarotaaf galma isaanii gahuuf baayโ€™ee isaaniif laaffiseera...ITTI FUFA

1 month ago | [YT] | 18