At Digital Oromia: Analysis, documentaries, contemporary issues of Africa, East Africa, Ethiopia and Oromia is covered in various perispective and be presented to our audiences in every part of the the World. Contents includes:
1. GeoPolitics, Diplomacy, History: GLOBAL, AFRICA, United States of East Afrixa - USEA (🇪🇹, 🇰🇪, 🇸🇴, 🇩🇯 & 🇪🇷), OROMIA, 🇺🇳 & AU,
2. Exploring Documentaries,
3. Pan-African Podcast - Continental Issues
4. African adventures Travel
5. African Identity, Tales & Culture
🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐
Digital ⭕️romia
We are thrilled to have our channel verified! Congratulations & Many Thanks to Our Community!
1 month ago | [YT] | 2
View 0 replies
Digital ⭕️romia
📢 Oromia Political Status Poll 🗳
We invite you to share your views on the future of Oromia & its relationship within Ethiopia and the broader internation community. Please select the option that aligns most closely with your perspective:
---
🔹 How to Participate:
- Press/Tap/Click on the number of your preferred option.
- Share additional insights in the comment if you wish to explain your choice.
💬 Let’s foster a respectful and thoughtful dialogue on this important topic.
---
1 year ago | [YT] | 4
View 1 reply
Digital ⭕️romia
Turtii Jawar Mohammed BBC News Afaan Oromoo Waliin Taasiserratti Marii Dargaggootaa
youtube.com/live/ELF6_VfgLak?si=ds4G56hw5YvWtJ1i
Hosted By Roobalee
1 year ago | [YT] | 4
View 0 replies
Digital ⭕️romia
Africa Unite!
1 year ago | [YT] | 1
View 0 replies
Digital ⭕️romia
Buttaa Horiidhaaf Jecha Lammiileerratti Raawwatamu Laalchisee Ibsa ABO-WBO
1 year ago | [YT] | 2
View 0 replies
Digital ⭕️romia
Baatiiwwan saglan darbanitti miseensonni Komishinii Poolisii Oromiyaa 4225 OPDO/Bilxiginnaa ganuudhaan Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu sanadni komishinichaa Oromia Media Network (OMN) dhaqqabe mul'ise.
Guutuusaa Pdf'n as tuqii dubbisi👇
👉 t.me/digitaloromia/28
1 year ago | [YT] | 6
View 0 replies
Digital ⭕️romia
https://youtu.be/qZ3AE_3ZZ-E
1 year ago | [YT] | 3
View 0 replies
Digital ⭕️romia
Jaal Abdii Raggaasaa Yakka Malee Murtii Seera Malee Mana Hidhaatti Hiraarsuun, Yakkamaa Abdii ILLEEY (Abdii Muhaammad Umar) Ammoo Mana Hidhaatii Baasuun Biltsiginnaa Ifatti Jibbiinsa Itoopphiyaan Oromoof Qabdu Kan Agarsiisuu Dha.
Ijoo Dubbii – ABO
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaarmiyaa siyaasaa Bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasii fi wal qixxummaa sabaa fi sab-lammootaa mirkaneessuuf qabsaawuu dha. Erga dhaabni kun ifatti qabsoo karaa nagaa murteessee galee as akkasumas biyyaa fi ummata isaa keessatti nagaan sossohee akeeka qabsaawuuf galiin hin geenyeef danqaa fi danqaraa kan itti tahe qaama aangoo afaan qawween dhuunfatee jiruu dha. Shira dhaabbataa jaarmiyaa kana irratti hojjataniin, waajjiroota isaa cufuutii irraa qabee miseensota godaatii qabee hanga hooggana mataatti kan sochii dhorkee fi hidhe OPDO/ODP/PP maqaa jijjirachuu malee ilaalcha haaraa kan rakkoo jiruuf furmaata dhugaa fidu hin qabnee dha.
Ejjannoo siyaasa isaaniitiif jecha, hogganootni, qondaalotnii fi miseensotni ABO, akkasumas deggartoonnii fi mararfattoonni qabsoo bilisummaa Oromoo yakka qabaatanii osoo hin taane, sababa Oromoo tahan qofaaf Oromummaa isaaniin yakkamanii ganna lamaa (2) hanga ja’aa (6) keessa kan jiran manneen hidhaa mul’ataa fi dhoksaan Oromiyaa keessaa haa lakkawu.
Biltsiginnaan duula ifaa Adda Bilisummaa Oromoo irratti gaggeesaniin, ABO jilbeenfachiisanii qabsoo Oromoo laamshessuuf yaadanii hoogganoota ABO jumlaan mana hidhaatti darbachuun beelaa fi dhibeen akka hiraarfaman godhan. Waajjiroota dhaabaa cufsiisanii hooggana mataa dhaabaa osoo hin hafin waajjira keessaa humnaan baasanii hidhaa dhaabbii hanga manatti hidhuu, Miseensota dhaabaa bakkayyuu adamsuun mana hidhaatti darbatanii achii baasuun ajjeesanii bineensa nyaachisaniiru. Hundaan olitti ammoo ABO madda galii godhachuun maqaa mirga wabii jedhuun kan badii malee hidhan hoogganootaa fi qondaalota amma mana hidhaa jiran maallaqa guddaa irraa nyaachuun maallaqas dhorkatanii jaallan keenyas mana hidhaatti hiraarsaa jiru.
Jaallan keenya, warri manni murtii fi abbaan Alangaa bilisa jedheenii ganna 2-6 murtoo seeraa malee murtii dabaa PPn hiraarfama jiran kanneen akka:
1) Jaal Abdii Raggaasaa
2) Jaal Mikaa’el Booran
3) Jaal Kennasaa Ayyaanaa
4) Jaal Dr. Gadaa Oljirraa
5) Jaal Lammii Beenyaa
6) Jaal Daawit Abdataa
7) Jaal Gadaa Gabbisaa
8) Inj. Girmaa Xurunaa fi
miseensonni keenya hedduun manneen hidhaa impaayerattii keessatti dararamaa jiran ejjannoo siyaasaa isaanii qofaan yakkamanii hiraarfamaa jiru.
Warri akka Obbo Abdii ILLEEY bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee duraanii, yakkamaan seeraa fi seenaa Ummata Oromoo daangaa naannoo Somaalee jiraatan miliyoonotaan qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqaasee fi dhiiga ilmaan hiyyeessaa lolaasaa turee fi Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaachoo qabeenyaa biyyattii daaressuun dantaa dhuunfaaf oolche gaafa bilisaan gadi dhiifamuu isaanii dhageenyu, Biltsiginnaan dantaa ummataa fi biyyaaf dhaabbate osoo hin taane, dantaa paartii qeenxee tarkaanfachiisuu isaa nuuf mirkaneesse jennee amanna. Addatti ammoo maqaa Oromoo jedhu golgaa fi dawoo godhachuun afaaniin ilmaan Abbaa Gadaatu Kiiloo 4 dhunfate jedhaa, hojiidhaan ammoo ifatti jibbiinsa Oromoof qaban agarsiisu.
Kanaafi kan “Abdii Raggaasaa yakka malee mana hidhaatti hiraarsuun, Abdii Illeey (Abdii Muhaammad Umar) Yakkamaa mana hidhaatii baasuun Biltsiginnaa ifatti jibbiinsa Itoophiyaan Oromoof qabdu agarsiisuu dha.” jenneef.
Waan taheef, ummanni Oromoo, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa warri wal qixxummaa fi dimokiraasiitti amantan, Paartii Biltsiginnaa aangoo biyyattii waliin dhahuu fi humna afaan qawween dhuunfatee mirga sabaa fi sab-lammoota hundaa sarbee bakkayyuutti hidhaa fi ajjechaa babal’isee jiru kana sagalee tokkoon dura dhaabbatuun amma jenna.
Maayii irratti, ummanni Oromoo keessaa fi alaa, dhaabbattootni mirga namoomaaf falmitan kan naannoo fi addunyaa, hawaasni Idil-addunyaa miseensota ABO yakka malee manneen hidhaa mootummaa Biltsiginnaa keessatti hiraarfamaa jiraniif akkuma kanaan duraa sagalee akka taatan waamicha keenya isinii dabarsina.
Injifannoon Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisumaa Oromoo
Bitootessa 16, 2024
Finfinnee, Oromiyaa
1 year ago | [YT] | 1
View 2 replies
Digital ⭕️romia
https://youtube.com/watch?v=SjY67mmMg...
1 year ago | [YT] | 1
View 0 replies
Digital ⭕️romia
Jaarsoo Dhugoo Abbaa Gadaa Gujii 75ssoo
Gurraandhala 21, 2024 Walharkaa Fuudhisa Me'ee Bokkootti Taasifameen Baallii Fudhate! Bara Gadaa Dansaa!
Qophicha guutuu suuraan ilaaluuf geessituu kanaan seenaa👉 https://youtu.be/h7YZ-djp934
1 year ago (edited) | [YT] | 5
View 0 replies
Load more